Menu
A+ A A-

Deprecated: Non-static method JApplicationSite::getMenu() should not be called statically, assuming $this from incompatible context in /home2/oromiaop/public_html/templates/gk_news/lib/framework/helper.layout.php on line 181

Deprecated: Non-static method JApplicationCms::getMenu() should not be called statically, assuming $this from incompatible context in /home2/oromiaop/public_html/libraries/cms/application/site.php on line 250

Lammiikoof nan fiigan dabarfame

  • Rate this item
    (0 votes)

Finfinnee, Muddee 16,2010  -Koreen qophii fiigicha guddaa "Lammii Koof Nan Fiigaa" Mudde 22,2010tti Finfinneetti gaggeessuuf beellama qabatee ture guyyoottan hin murtoofneef dabarfamuu isaa beeksiseera.

 

Fiigicha guddaan kun Waldaa Atleetota Oromootin lammiilee naannoo Somaaleerraa qa'ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa'an deeggaruuf kan qophaa'e ta'uun isaa ni beekama.

Koreen qophii figichichaa ibsa har'a laaten akka beeksisetti guyyaan fiigichaa sababoota humnaa ol ta'aniin dabarfameera.
 
Lakkoofsi namoota fiigicha kanaaf galmaa'an karooraan ol baay'achuu isaarraan kan ka'e baay'inni tiishartii qophaa'e kumni 50ni ga'uu waan dideefi jedhameera.
 
Fedhii kana guutuuf maxxansa tiishartii dabalataatif ammoo yeroo fudhateera.
 
Dabalataanis, ispoonsaroonni guyyichi akka dabarfamuuf gaafataniiru.
 
Tiishartoonni hanga yoonaa maxxanfamanii ba'an godinaalee,magaalotaa fi biiroleef guyyaa har'aarraa kaasee raabsun jalqabameera.
 
Kanas Waajjiraalee Dargaggoo fi Ispoortii godinaalee fi magaalotaarraa bitachuun akka danda'amu korichi ibseera.(FBC)

Read more...

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa adda-babayiiwwanii fi daandiiwwan magaalattii keessaa maqaa moggaase

  • Rate this item
    (1 Vote)

 

 

 

Finfinnee, Mudde 15, 2010 Kutaawwan magaalaa ja'an dheheenya kana moggaafaman jalatti gandoonni 14 duraan lakkoofsaan 1-14 jedhamanii turan maqaa Oromoon duriyyuu ittiin waamuun akka mogga'an har'a ragga'eera.

 

Addababayiiwwanii fi daandiiwwan gara garaas Gootota, Atileetotaa fi Artiistii bebbeekamoo qabsoo Oromoo keessatti ga'ee ba'ataniin moggaafamaniiru.

Daandiin guddichi Galma Abbaa Gadaatii ka'ee gara Harargee geessu Daandii Abbaa Gadaa, Addababayiin seensa Adaamarra jiru Jeneraal Taaddasaa Birruutiin, Daandii duraan Wanjii Maazooriyaa jedhamu Atileet Waamii Birraatuutiin, Daandiin Haaraan amma ijaarame gama kaaba magaalatiin Harargeerraa Finfinnee geessu Artiisti Alii Birraatiin akka waamamu ta'eera.

2-daandii_Abbaa_gadaa.jpg

Daanduma kanarratti Addababayiin gurguddaan lamman Jeneraal Waaqoo Guutuu fi Koloneel Abdiisaa Aagaatiin akka waamamu murtaa'era.

Daandiin Asallaatiin Magaala Adaamaatti galummoo dhibbaalaa Maammoo Mazammiriin yoo moggaafamu daandii buufata konkolaataa jalaan gara kaaba magaalaa geessu kana booda Elemoo Qilxuun waamama.

Daandiin haarawni dhidhiphina tiraafikaa hir'isa jedhame Maqaa Pirezidantii Naannoo Oromiyaa duraanii Obbo Alamaayyoo Atoomsaan mogga'e.

2-daandii_Obbo_Alamaayyoo_Atoomsaa.jpg

Kana malees Adaamaan daandii Karrayyuu fi Siinqee jedhu moggaafachuun dhaloota har'aa duudhaa Oromoo itti barsiisufi.

Kantiibaan bulchiinsa Magaalattii Aadde Adaanach Abeebee magaalattii akka sabboonummaan dimokraasii keessatti dagaagu gochuuf hojjanna jedhaniiru.

Sirnuma moggaasaa kanarratti eebbi piroojaktoota daandii, gamoowwanii fi mana barumsaas raawwatameera.

Sadarkaa Itti-aanaa Pirezidantiitti Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Obbo Abdullaaziis Mahaammad magaalonni giddu-gala industirii akka ta'an gochuun gamatti hojii dhabaan carraa hojii argatee keessaatti hojjachuu akka danda'u goona jedhani.

2-daandii_Adaamaa.jpg

Piroojaktoonni kunneen daandii kiilomeetira 3.17 dabalatee gamoo seektara lafaa bulchiinsa magaalaa, gamoo bulchiinsa magaalaa Booletti ganda Gooroo waliigala Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 68 oliin ijaaramani.

Baasii kana keessaa miiliyoonni 40 bajata mootummaa naannoo irraa kan argamedha.

Bulchiinsi Magaala Adaamaa bara kana carraa hojii kuma 15 uumuuf karoorfatee hamma yoonaatti kuma 8 fi 88 raawwachuu Kantiibattiin Aadde Adaanach himaniiru.

Sirna har'aa kanarratti lafti heektaarri 88 hojjattoota mootummaa fi jiraattota magaalaatiif mana jireenyaaf akkasumas dargaggoota carraan hojii uumameef iddoo hojii fi daldalaaf ta'u laatameeraafi. Kana malees, jiraattota harka qalleeyyii ta'niif mana gandaa kana dura namni qabeenya qabu keessa jiraataa ture 38 kennameeraafi .Manneen akka kanaa 70 ta'an kana dura kennamuunsaanii ni yaadatama. Getaachaw Mul'ataatu gabaase.(FBC) 

Read more...

Biyyattiitti wiirtuuwwan wal’aansa kaansarii qofa kennan shan banamuuf jedhu

  • Rate this item
    (0 votes)

 

 

 

Finfinnee, Mudde 15, 2010  Biyyattiitti naannolee gara-garaa keessatti wiirtuuwwan wal’aansa kaansarii qofa kennan shan banuuf akka jedhu Ministeerri Eegumsa Fayyaa beeksise.

 

‘Daayiroktareetii’ Ittisaa fi Too’annaa Dhibee Ministeerichaatti Dursaan Garee Dhibeewwan Daddarboo Hin-ta’inii Doktar Bisiraat Dassaalany akka ibsanitti wiirtuuwwan kunniin ijaaramaa kan jiran Hawaasaa, Maqalee, Jimmaa, Goondarii fi Haramayaattidha.

Ijaarsa waliigalaa wiirtuuwwan kanneenii fi baasii meeshaa wal’aansaaf bajati Doolaara Ameerikaa miliyoonni 80 qabamee hojiinsaa hojjatamaa akka jiru ibsaniiru.

Kana dura rakkoo biyyoota badhaadhanii fi dinagdeen guddatanii akka turetti kan beekamu dhibeen kaansarii har’a rakkoo yaachisaa biyyoota guddataa jiranii ta’aa dhufeera jedhameera.

Dhibeen kun dhibeewwan lubbuu namaa galaafachuun beekaman keessaa adda-dureedha.

Keessumaa biyyoota guddataa jiran keessatti wal’aansi isaa haala gahaa taheen waan hin-argamneef darbees wal’aansi isaa maallaqa hedduu kan gaafatu waan ta’eef haala olaanaan babal’ataa dhufuusaa ragaaleen nimirkaneessu.

Itiyoophiyaattis dhibeen kun kutaalee hawaasaa gara-garaa miidhaa kan jiru yoo ta’u, wal’aansi isaa garuu Hospitaala Ispeeshiyaalayizdii Xiqur Anbassaatti qofa kennamaa jira.

Kun gahaa fi hunda kan wal-gahu waan hin-taaneef kutaalee hawaasaa dhibee kanaan hubamanii wal’aansa kana waliin ga’uuf hojjataa akka jiru Ministeerri Eegumsa Fayyaa beeksiseera.

Doktar Bisiraat akka ibsanitti wal’aansa kaansarii kutaalee hawaasaa iddoowwan biyyattii gara-garaa keessaaf waliin ga’uuf hojjatamaa jira.

Kanaanis waggaa dhufuu jalqabee ijaarsi isaanii xumuramee meeshaalee wal’aansaa barbaachisoo ta’an guuruun hojiitti akka seenan Doktarichi ibsaniiru.

Fuul-durattis guddina rakkinichaa hubachuun kutaalee biyyattii kaanitti wiirtuuwwan wal’aansaa wal-fakkaatoo babal’isuu fi haala itti-hawaasni fayyadamaa ta’u mijeessuun xiyyeeffannoon itti-kennama jedhaniiru.

Tajaajila kana iddoowwan gara-garaatti kennuu danda’uun keessumaa qaamolee hawaasaa wal’aansa kana argachuuf gara alaa deeman fayyadamoo taasisuun baasii fi bu’aa ba’ii hin-barbaachifne irraa oolchuuf gahee ifaa qabaata jedhameera.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa ragaan A.L.A 2015tti baase akka mul’isutti kaansariin addunyaa irratti dhibee nama ajjeesu adda-dureedha.

Waggaa eerame kanattis namoota miliyoona 8.8 badiisaaf kan saaxile yoo ta’u, kunis waggaa kana du’a ja’a keessaa tokko kaansariin akka ta’e mul’isa.

Waggaa waggaan ammoo namoonni miliyoona 10tti lakkaa’aman kaansariin qabamu; wal’aansa kana haala gahaan argachuun yoo danda’ame garuu namoota dhibee kanaan qabaman keessaa dhibbantaa 30 hanga 50 kan ta’an wal’aansaan fayyuu akka danda’an eerameera.

Rakkoon kun haala kanaan kan itti-fufu yoo ta’e A.L.A 20120tti baay’inni uummataa kaansariin du’uu miliyoona 10 kan ga’u yoo ta’u, waggaa waggaan baay’inni namaa kaansariin qabamuu ammoo miliyoona 16 gahuu akka danda’u ragaan kun nimul’isa.

Madda: Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa (FBC)

Read more...

Qorannaan Adaamaa sodaa balaa lolaa jalaa baasu qophaa’e

  • Rate this item
    (0 votes)

 

 

 

Finfinnee, Muddee 14,2010- Qorannaan magaalaa Adaamaa sodaa balaa lolaa jalaa baasu qophaa’e.

Kantiibaan magaalichaa adde Adaanach Abeebeen FBCtti akka himanitti, bara darbe magaalattii balaa lolaa irraa baraaruuf Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50n hojiin hojjetameera.

Ittisa balaa lolaatif bara darbe biyyoorraa kan hojjetame waaraan sodicha hambisuu waan hin dandeenyef furmaataf hojjetamaa jiraachuu eeran.

Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa waliin ta’uunis qorannaan sirna maqsa dhangala’aa magaalattii qophaa’uu himan.

Bishaan lolaadhan bakka tokkotti kuufamus faayidaa hawaasaaf kan oolu ta’a.

Qorannaa gaggeeffame kanas hojiirra oolchuuf deebii Koomiishinii Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa eegaa jirra jedhan aadde Adaanach.(FBC)

Read more...

Ijaarsi Paarkii Industirii Oomisha Dawaa Qilinxoo dhibbantaa 75 xumurameera

  • Rate this item
    (0 votes)

 

 
 

Finfinnee, Mudde 15, 2010 Ijaarsi paarkii industirii Oomisha Dawaa Qilinxoo dhibbantaan 75 xumuramuusaa Korporeeshiniin Misooma Paarkota Industirii ibse.

Itiyoophiyaan kaampaanota idil-addunyaa fi biyya keessaa bal’inaan hirmaachisuuf iddoowwan gara-garaa biyyattiitti paarkota idustirii ijaaraa akka jirtu beekamaadha.

Paarkota kanneen keessaa lafa heektaara 270 irratti kan qubate Paarkiin Industirii Oomisha Dawaa Qilinxoo Guraandhala 2009 jalqabee Garee Injinariingii Ti Se Ju Sivil Chaayinaan ijaaramaa jiru tokkodha.

Paarkiin baasii Birrii biliyoona 5.5 ol gaafatu kun maallaqa liqaan Baankii Addunyaa irraa argameen ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, baatiiwwan sadii dhufanitti ijaarsi isaa akka xumuramu Korporeeshiniin Misooma paarkota Industirii beeksiseera.

Korporeeshinichatti ‘Injinarri’ piroojaktii Paarkii Industirii Qilinxoo Yageetaahun Aganyaw akka jedhanitti hojiileen ijoo ijoo ta’an wayita ammaa xumuramaniiru.

Ijaarsa isaa waggaa tokko keessatti xumuruuf kan karoorfame yoo ta’u, adeemsa hanga ammaati jiruun dhibbantaan 75 xumurameera jedhaniiru.

Qotiisi boolla bishaanii ja’aa fi kuusaan bishaanii guguddoo lama ijaarsi isaanii gutumaan guutuutti wayita xumuramu, ijaarsi daandii paarkicha keessaa fi hojiin riqichoota bishaan irra qaxaamuree darbuu sadii xumuramuusaa ibsaniiru.

Ijaarsa sheedota oomisha dawaaf iddoosaa mijataa gochuuf hojiin biyyoo kutuu fi guutuu harki caalaan xumuramuu isaanii kan himan Injinar Yageetaahun, hojiin ujummoowwan bitaa fi mirga daandii ijaaramaa jiruutti galaniis dhibbantaan 95 raawwatamuusaa kaasaniiru.

Ijaarsi gamoo bulchiinsa paarkichaa xumuramaa akka jiru kan eeran Injinar Yageetaahun dallaan paarkichaa, sararri balfi dhangala’aa itti dhabamsiifamu, hojiin sararoota elektirikaa fi telekoomii diriirsuu haala gaariin hojjatamaa akka jiran ibsaniiru.

Sababa diizaayinii fi lafaa waliin wal-qabataniin hojiinsaa saffisa eegameen akka hin-deemne himaniiru.

Akka ibsa ‘injinara’ piroojaktichaa kanatti sababa rakkoolee uumamaniin yeroo qisaasa’e kiisuuf ‘kontiraaktarri’ ijaarsa isaa geggeessu dabaree lamaan guyyaa fi halkan hojjataa jira.

Ijaarsi paarkichaa wayita xumuramu daandii aspaaltii kiiloo meetira 18 dheeratu, tajaajiloota dhiheessii bishaanii, sheedota ‘loojistikii’, iddoowwan magariisaa, man-kuusaawwan, wiirtuuwwan bashanannaa, wiirtuuwwan ‘biiznasii’, iddoowwan dhaabbii konkolaataa fi tajaajiloota fakkaatan kan kennu ta’a.

Itiyoophiyaan dawaa lammilee isheef ishee barbaachisu dhibbantaa 80 ga’u biyyoota alaa irraa sharafa alaa olaanaan kan galchitu yoo ta’u, Paarkiin Industirii Oomisha Dawaa Qilinxoo fedhii kana oomisha biyya keessaan guutuun garasitti galii sharafa alaa akka argamsiisu eegama.

Madda: Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa (FBC) 

Read more...
Bookmaker with best odds http://wbetting.co.uk review site.

Waa'ee Keenya

Qunnam..

1.ORTO

2.FANA

3.ERTA

4.ENA

5.WALTA

Qunam3...

1.AMBO

2.ADAMA

3.HAAROMAYAA

4.JIMMAA

5.NAQAMTEE

Qunam2...

Qunam1...